Kiruusedii Guddaa Magaalaa Shaashamannee  

Kiruusedii Guddaan Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamanneetti Guraandhala 14-16 Bara 2017 gaggeeffameera.

Kiruuseediin kun Nama Waaqayyoo Raajii Masarat Taayyeetiin kan gaggeeffame kun mata duree Humna Wangeelaa jedhuun kun luqqisii Kitaaba Qulqulluu Rom. 1:16 irratti kan hundaa’e ture.

Rom. 1:16 “Ani wangeelatti hin yeella’u, inni humna Waaqayyo isa warra amantii qaban hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra Giriikotaa fayyisuu dha.”

Guyyoota kanatti:

Waaqeffannaan haala adda ta’een gaggeeffameera!

Wangeelli Mootummaa waaqayyoo Humnaan in lallabameera!

Kanarraa kan ka’es fayyinni dinqiin, hiikamsaafi bilisa ba’uu ajaa’ibsiisaan sabasaaf ta’eera!

Gaddi gammachuutti in jijjiirameera!

Kiruuseedii kanarratti kan argamaniif; warra daa’ima barbaadaniif dhala, jireenyasaaniif nagaan, hojiisaaniif milkaa’inni, tajaajilsaaniif dibatni; qabeenysaaniif eebbi kadhatameeraaf.  Waaqayyo kan namni qoree bira ga’uu hin dandeenye humna fayyisuusaa adda ta’een saba fureera. Lubbuu Haaraa baay’eenis Gooftaa Yesuusitti amananiiru.

Faarfattoonni Guyyoota Kana Tajaajilanis

Far Kabaa Fidoo

Far Masfin Guutuu

Far Paawulos Tagany

Far Yitbaarek Taammiruu turan

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top