Kiruuseedii Guddaan Godina Lixa Wallaggaa, Aanaa Qilxuu Kaarraatti Bitootessa 12-14 Bara 2017tti guyyoota 3’f gaggeeffameera.
Kiruuseediin kun Nama Waaqayyoo Raajii Masarat Taayyeetiin kan gaggeeffame kun mata duree “Waaqayyotti Araarami” jedhuun luqqisii Kitaaba Qulqulluu Iyo. 22:21“Waaqayyotti araarami, nagaatti jiraadhu! Kanaanis wanti gaariin siif in dhufa.” jedhurratti kan hundaa’edha.
Kiruuseedii kana Namni Waaqayyoo Raajii Masarat Taayyee dibata Hafuura Qulaulluu adda ta’een kan tajaajilan yommuu ta’u; akkasumas B/sa Sintaayyoo Abdiisaa tajaajilaniiru.
Guyyoota kanatti:
-
- Waaqeffannaan haala adda ta’een gaggeeffameera!
-
- Wangeelli Mootummaa waaqayyoo Humnaan in lallabameera!
-
- Kanarraa kan ka’es fayyinni dinqiin, hiikamsaafi bilisa ba’uu ajaa’ibsiisaan sabasaaf ta’eera!
-
- Gaddi gammachuutti in jijjiirameera!
-
- Kiruuseedii kanarratti kan argamaniif; warra daa’ima barbaadaniif dhala, jireenyasaaniif nagaan, hojiisaaniif milkaa’inni, tajaajilsaaniif dibatni; qabeenysaaniif eebbi kadhatameeraaf.
-
- Waaqayyo kan namni qoree bira ga’uu hin dandeenye humna fayyisuusaa adda ta’een saba fureera. Lubbuu Haaraa baay’eenis Fayyisa saba hundumaa isa ta’e Gooftaa Yesuus ilma Waaqayyootti amananiiru.
Faarfattoonni Guyyoota Kana Tajaajilanis
- Far Kabaa Fidoo
- Far Ifaa Deesisaa
- Far Daawwit Morkaa turan
Waaqayyoof Galanni Guddaan Haa Ta’u!