Filp. 2¯¯¯¯¯⁴ Isin kessaa adda addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaaliin! ⁵ Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa! ⁶ Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. ⁷ Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta’ee argame.
Waaqarraa gadi bu’ee waaqni nama ta’e.
Ulfina Waaqummaa dhiisee bifa garbummaa uffatee nama wayitti hingalle of godhe.
Isa. 53¯¯¯¯² Inni akka biqiltuu mukaatti goofticha duratti ol in ba’a, akka hidda mukaa isa lafa gogaa keessaa ba’uus in ta’a; simboodhaa fi surraa waan hin qabneef, nuyi isa ilaaluu hin jaallanne; miidhagummaa waan hin qabneefis nu hin mararre; ³ namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama dhiphinnii fi muddamni itti baay’ate ture; inni akka nama tuffatanii, achi ilaalanii bira darbanii in ta’e; nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne.
Anaafi isin baddhaasuudhaaf, furuudhaaf, hiikuudhaaf akkas of godhe.
Utuu gatii hinbaasiin (aarsaa hin kaffaliin); gatii namarraa baasuun waan hindanda’amneef; aarsaa kana hundumaa kaffale jechuudha.
Ilma namaa badhaasuuf jecha biyya lafaa kanarratti gatii guuddaa baasee jooraa of godhe.
Isa. 53¯¯¯¯⁴ Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa’e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha’icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne. ⁵ Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa’uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame.
Nuyi fayyaatti akka jirannuuf inni nuuf dhukkubsate; nuyi jireenya akka argannuuf inni nuuf miidhame.
Isa namni namaa kennuu hindandeenye lubbuusaa erga nuuf kennee; waan hundumaa ilmasaa Yesuus Kiristoos wajjin tola nuuf kenneera.
Rom. 8:32 “Waaqayyo ilma isaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuu ree?”
Ilmasaa wajjin eebba hundumaa nuuf kenneera.
Far. 112:3 “Badhaadhummaa fi soorumni mana isaa keessa jira, qajeelummaan isaas yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.”
Far. 24:1 “Lafichi, wanti laficha guutes hundinuu kan Waaqayyoo ti, biyyi lafaa fi warri isa keessa jiraatanis kan isaa ti;”
Akkuma inni ofiisaatii dheegaa ta’e nu badhaase; nuyis namootaaf jiraachuun nurra jira.
2Qor. 9:11 “Waan hundumaatti akka arjoomtaniifis karaa hundumaa isinin badhaasa; arjummaa keessan isa nu harkaa fudhattaniif immoo namoonni baay’een Waaqayyoof galata in galchu.”
“… akka warra deeganiitti in lakkaa’amna, garuu namoota baay’ee in sooromsina; …” jedha Phaawulos.
2Qor. 6¯¯¯¯⁸ ulfinaan salphinaanis, maqaa baduudhaan, maqaa toluudhaanis, akka gowwoomsituutti ilaalamuudhaan, dhugaa qabaachuudhaanis in deddeebina. ⁹ Utuma beekamnee jirruu akka warra hin beekaminii taane; akka warra du’aniitti in lakkaa’amna, nuyi garuu kunoo, in jiraanna! Akka warra adabamanii taane, garuu hin ajjeefamne, ¹⁰ Akka warra gaddaniitti in ilaalamna, garuu nuyi yeroo hundumaa in gammanna; akka warra deeganiitti in lakkaa’amna, garuu namoota baay’ee in sooromsina; akka warra homaa hin qabneetti in ilaalamna, garuu waan hundumaa qabna.